Ummatni keenya Dhibee Koronaa kana salphisnee laaluun gaarii miti. Mallattooleen dhibee Koroonaa tokko tokko jalqaba irrati dhibee akka qufaa, alarjii fi kkf waliin yoo walfakkatelleaddeemsa keessatiti fi safisaan miidhaan inni lubbuu namaa gaaga’uu fi tamsa’u dhibee kana hamaa fi adda kan godhuudha. Dhibeen kun addunyaa irra wal gahuun biyyoota diinaagdee fi teeknooloojii dhaan guddataniis tahee gudina irra jiraniis miidhaat jira. Dhibeen kun dawaa hin qabu. Kana irraa ka’uudhaan lubbuu hedduu du’a irraa olchuun hin danda’amne.

Mallattoon dhibee kana:

laydaa qaamaa garmalee dabaluu, kufaa goggaa, hafuura namaati kutuu, darbee darbee qaamni nama, dadhabbii qaamaa fi yoo mallatoon leen dhukkuba gararaa dur qaama keessa jiraate daraan namaati hammeessuufaadha. Akka walii galaati namoota hedduu adduyaa tana irrati qabeet jira. Tajaajila diinaagdeeti fi geejibaas gaaga’ama guddaa irraan gahee jira. Haatahuu kan qabamee irraa fayyees hedduu jira.

Kun kan irraati hunda’u akkaataa qaama keenya keessa dur nuti fayyaa qabnuu fi akkasuma umrii irraatillee ni hundaaha. Fknf Akka CDC ykn giddu galleessi ameerikaati argamu kan dhibee toohatu ibseeti namootni harki caalaan erga dhibee kanaan qabamanii irraa fayyuu dadhabuun kan du’uu warra umriin isaanii 60 olii, warra dhibee akka dhukkuba sukkarra, dhiibbaa dhiigaa, kalee, sombaa fi kkf qabantuu caalaati du’aa jira. Akkasuma ijjolleen umriidhaan dardaraas ykn xiqqoo tahaanis bakka gara garaati du’aa akka jiraan ni himamu. Kanumaan oso jiruu 100% keessaa 80% namootni qabamaan mallattoo xiqo xiqoo tokko tokko argisisuun irraa fayyuu daandahu. 20% sababa madinummaa, dhibee biraa fi umriin walqabatuun of irra ittisuu dadhabuun du’aa jira jedhama.

Akka Doktarooni hedduun jedhaniiti, Dhibeen kuun eefa facaa’ee waldhaanuu fi toohachuun baay’ee ulfaata. Akkuma arginuuti waldhaanuu ykn tajaajila baraaru dhukkubsataaf keennuu dadhabbuu irraa kan ka’ee adduunyaa irraati namootni hedduun du’uu fi dhibee kanaaf saxilamuun jira. Keessatuu biyyootni gudataa jiraan Kan meeshaalee Hargansuuf nama qargaaru, hospitaala, siree hospitaalaa fi qorichoota mallattoolee xixiqqoodhuma dhukkubichaan walqabatulee namarraa yeroof xiqeesuuf gargaarullee hin qabnee keessati dhibee kana eefaa biyya ykn hawaasa keessa galee ni waldhaana jechuun waan hin dan dahamneedha.

Falli tokkichi jiru dhibee kana akka caalaati hin tamsaane ittisuu duwwaadha. Dhibee kan ittisuudhaaf hawaasaa keenyaaf hubannoo gahaa kennuufi oddeefannoo waltawaa fi barbaachisatahe amma ammati karaa hundaan biraan gahuun barbaachisaadha . Dhibeen kun karaa garagaraatiin dadarba. Fkf, dhibeen kun hafuuran, tutuqaan fi waan dhangala’oo qaama keenya irraa faca’uu kan vaayrasii taheen waan darbuuf wal irraa fagaachuun fi amma amma harka dhiqachuun gaariidha. Yeroo amma biyya keenya seenee iddoo tokko tokko dhaqabuun gara nama 43 irrati mallattoon muldhachuun lubbuun nama lamas akka dabarte himamaa jira.

Adeemsi Dhibee kana of irraa ittisuuf nu gargaaru tokko tokko:

Galga ykn gloves harkaa kawachuu yoo dalagnuu fi waa qabanu.

Funyaanii fi afaan keenya golga fuulaa ykn mask waan jedhamuun haguugachuun gaariidha. Fknf, yeroo karaa deemnu fi namaan walbira dhaabbanu hunda. Kana waanuma nannoo keenya jiru irra tolfachuun ni danda’ama kan akka iskaarvii, imaamataa, fooxaa fi carqumaa salphaa dhoosnee fuula haguugachuu dandeenya.

Yeroo dhaabbannuu fi teenyuu, wal irraa meetera 1 yk faana 6 wal irraa hiiquu qabna.

Harka wal fuudhuu fi wal hammachuu dhiisuu qabna,

Harka keenya daqiiqaa 20 hanga 40 ykn amma amma saamunaan akka gaariitti dhiqachuu qabna.

Imala deemuu keessatuu geejiba hawaasaatiin dhiisuu qabna.

Bakka akka namootaan walitti walgahaan kan walgahii hawaasummaa, hojjii , amantii fi mana mana barnootaas yeroof dhiisuu qabna.

Akka tasaa mallatoon koronaa yoo of irraati arginee atatammaan mana yaalaa bilbillee of laaluu qabna.

Yeroo Haxifannu ykn qufaanuu hark keenya ciqilee qidduuti gad jennee haxifachuu ykn qufa’uu qabna.

Yoo dhukkubicha Koronaatiin nus tahee matiin keenyaas qabame yeroof kophaati baasnee tajaajilamuun ykn tajaajiluun waldhaansa argachuun tamsa’ina dhibee kanaa xiqeessuun ni danda’ama.

Kanaaf ummatni keenya dhibee kana oso ittisuu dandenyuu akka salphaati laalee addeemsa dhibee kana ittisuu dandahu hordofuu dhabuun dhibeen kun nu keessa caalaati akka hin tamsaane cimsinee hojjechuu qabna.

Comparing Symptoms Between Coronavirus, Flu & Allergies – NBC 5 ...

One thought on “Koroonaa Vaayrasiin Kun dhibee Salphaa miti Salphisnee laaluun gaarii miti.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.